Posts

Showing posts from June, 2022

kennaa Hotel

Image

Waadaa ganame kutaa 2ffaa

 kutaa 2ffaa  Adeemsa keessa Baacaan gaaffii gaa'ilaa isheef dhiyeesse isheen garuu ammaaf  qophii gaa'ilaa akka hin qabne itti himte. Innis yeroof gaddus fedha ishee daangessuu  waan hin barbaadneef in obse.  Baacaan ija laafessa ilmaati. Ol jedhee ija keessa nama hin ilaalu. Hojiin idilee isaa  Hoteela Seenaa fuuldura taa'ee kophee qulqulleessuudha. Achittis maamiltoota  hedduu horateera. Nama qoosaa jaallatuudha. Inni nama dhagaa haasofsiisudha ittiin  jedhu namoonni. Eenyuyyuu muka'aa isa bira dhufee, akka dhufetti hin deebi'u.  Maamiltoota isaa keessaa Kitilaan isa tokko dhiyeenya kana gara Magaalaa Mattuu  dhufe. Amalliif Hojiin Baacaa isa waan booji'eef kophee Baacaa bira malee hin  qulqulleeffatu. Kitikaan Gorsaaf Qoosaa Baacaa Xiinxalee gaafa Ilaalu Baacaan  Nama Dandeettii addaa qabu, kan haalli danqe ta'uu isaa adda baafate. Darbee darbees  Laaqana wajjin nyaatu. Hariiroon isaanii oolee bulee isa kaleessaa caala...

Asoosama gabaabaa waadaa ganame

 Asoosama Gabaabaa! WAADAA GANAME! KUTAA 1ffaa! Waadaan waadaadha.Nii galfatama malee hin galaafatamu. Kan osoo hin baatin ulfaatus waadaadha. Garuu namoonni tokko tokko waadaa fuudhanii osoo hin galchin ykn waadaa sana osoo hin guutin galaafatu. Nutimmoo akkas ta'uu hin qabnu. Ijoollee biyya tokkoodha turani. Maqaan isaanii Biqilaa fi Jireenyaa jedhamu. Lamman isaaniiyyuu hiriyaadha waan turanif Akkuma umuriin isaaniis barnootaaf gaheen barnoota seenani. Jarris barnoota seenani akka dansaatti itti fufuu eegalani. Ijoolleen kun kan dhalatanii guddatanis aanaa J/Arjoo ganda Meettaattidha. Jarris barnoota isaanii achuma mana barumsaa meettaatti itti fufuun barachuu eegalani. Barnoota isaaniis bifa ajaa'iba ta'een osoo achitti baratanuu achii xumuruun gara mana barumsaa sad.2ffaa Arjootti imalani. Biqilaaf Jireenyaan ijoollee ollaadha isarra darbees baay'ee wal jaallatu turani. Yoomiyyuu wal hin lollu walis hin mufachiifnu jechuun jaalala isaaniin waadaa waliif galu turani...