Asoosama gabaabaa waadaa ganame
Asoosama Gabaabaa! WAADAA GANAME! KUTAA 1ffaa! Waadaan waadaadha.Nii galfatama malee hin galaafatamu. Kan osoo hin baatin ulfaatus waadaadha. Garuu namoonni tokko tokko waadaa fuudhanii osoo hin galchin ykn waadaa sana osoo hin guutin galaafatu. Nutimmoo akkas ta'uu hin qabnu. Ijoollee biyya tokkoodha turani. Maqaan isaanii Biqilaa fi Jireenyaa jedhamu. Lamman isaaniiyyuu hiriyaadha waan turanif Akkuma umuriin isaaniis barnootaaf gaheen barnoota seenani. Jarris barnoota seenani akka dansaatti itti fufuu eegalani. Ijoolleen kun kan dhalatanii guddatanis aanaa J/Arjoo ganda Meettaattidha. Jarris barnoota isaanii achuma mana barumsaa meettaatti itti fufuun barachuu eegalani. Barnoota isaaniis bifa ajaa'iba ta'een osoo achitti baratanuu achii xumuruun gara mana barumsaa sad.2ffaa Arjootti imalani. Biqilaaf Jireenyaan ijoollee ollaadha isarra darbees baay'ee wal jaallatu turani. Yoomiyyuu wal hin lollu walis hin mufachiifnu jechuun jaalala isaaniin waadaa waliif galu turani...
Comments