Asoosama gabaabaa waadaa ganame
Asoosama Gabaabaa!
WAADAA GANAME!
KUTAA 1ffaa!
Waadaan waadaadha.Nii galfatama malee hin galaafatamu. Kan osoo hin baatin ulfaatus waadaadha. Garuu namoonni tokko tokko waadaa fuudhanii osoo hin galchin ykn waadaa sana osoo hin guutin galaafatu. Nutimmoo akkas ta'uu hin qabnu.
Ijoollee biyya tokkoodha turani. Maqaan isaanii Biqilaa fi Jireenyaa jedhamu. Lamman isaaniiyyuu hiriyaadha waan turanif Akkuma umuriin isaaniis barnootaaf gaheen barnoota seenani. Jarris barnoota seenani akka dansaatti itti fufuu eegalani. Ijoolleen kun kan dhalatanii guddatanis aanaa J/Arjoo ganda Meettaattidha. Jarris barnoota isaanii achuma mana barumsaa meettaatti itti fufuun barachuu eegalani. Barnoota isaaniis bifa ajaa'iba ta'een osoo achitti baratanuu achii xumuruun gara mana barumsaa sad.2ffaa Arjootti imalani. Biqilaaf Jireenyaan ijoollee ollaadha isarra darbees baay'ee wal jaallatu turani. Yoomiyyuu wal hin lollu walis hin mufachiifnu jechuun jaalala isaaniin waadaa waliif galu turani. Biqilaan maatiin isaa nama baay'ee hiyyeessaaf harka qalleessadha ture garuu barnootatti baay'ee jabaadha. Jireenyaan ammoo maatiin isaa nama baay'ee dureessaaf sooromoodha turani garuu barnootaan hanga Biqilaa hin gahu.
Ijoolleen kun lammanuu dhabuuf qabaachuu maatiitiin osoo wal hin qeeqiiniif wal hin tuffatin wajjin jiraatu turani. Jarris mana barumsaaf Arjoon deemanii jiru. Erga deemaniis duraan maatii irraa addaan bahanii waan hin beekneef haalli jiru itti jijjiiramuu barbaadeera. Keessumaa iyyuu Biqilaan maatiin isaas waan hin qabneef barnoota irraayyuu akka abdii dhabuus nii ta'a. Jireenyaan garuu itti haa jijjiiramuu iyyuu malee maatiin isaa waan qabaniif mallaqa kennaniifii ittiin of jiraachisa ture. Biqilaanis hanga tokko harkuma Jireenyaa jalaan jiraata ture. Osooma akkasiin baratanuu gara barnoota walakkeessuu ga'anii jiru. Biqilaan barnootattis jabaafii amala qabeessa bareedaa tokkodha. Guyyaa tokko isaadhaa mana barumsaatii bahee qofaa isaa deemaa jiru mucaan dubaraa Caaltuu jedhamtu tokko dudduuba isaarraan isa waamte. Innis eenyudhaa kan na waamu? Namni na beeku jiramoo? jedhee of gaafachuun dhaabbate.
Yeroo inni dhaabbatu osoo Caaltuu isheen waamte sun bira hin gahin Jireenyaan mooraa mana barnootaa keessaa gadi bahuun bira gahe. Innis akkuma bira gaheen maal ilaaluuf akka kuruphee adamsaa argiteetti bibir'attaa? ittiin jedhe. Isumaadhaa akkas jedhee Biqilaa irraa deebii eeggachaa jiru Caaltuu fi hiriyaan ishee Margeen harka wal qabatanii dhufani. Caaltuu fi Margeen ijoollee baay'ee miidhagoo amala qabaniif dhaabbii toloodha. Jarrimmoo achuma M/Arjoo buufata fayyaa dudduubadha. Maatiin isaanis achuma achittis dhalatanii guddatani. Ammammoo Biqilaa fi Jireenyaa waliin kutaa 9ffaa baratu. Erga dhufanii bira gahaniis Caaltuun itti siqxee harka Biqilaa qabuudhaan dubbistee. Margeenis Jireenyaa dubbisuun dhaabbatani.
Biqilaa fi Jireenyaan baadiyyaa biyya isaaniitti iyyuu dhalaa harkaan qabanii dubbisuu mitii ol godhatanii ilaaluuyyuu nii sodaatu turani garuu kan har'aa kun addaaf haaraa itti ta'uun nii rifaasise. Caaltuunis Biqilaa erga dubbisteen booda akka isa baruu barbaaddu itti himte. Biqilaanis afaan isaa osoo roqmuu wal baruun ra rakkoo hin qabu ittiin jedhe. Margeenis Jireenyaan haalaan waan itti miidhageef akkasuma jetteeni. Erga wal baraniis waliin sossodaachaa haasa'aa deemuu eegalani. Biqilaa fi Jireenyaan haasaa dhalaa waliiniis waan hin beekneef qaqqaana'aa dubbatu. Caaltuu fi Margeen garuu jara sana irra nii jiru fakkaata. Jarris siniif bilbilla jechuun akka bilbila wal jijjiiran gaafatani. Biqilaa fi Jireenyaanis tole jechuun lakkoofsa bilbilaa isaanii kennaniifi. Osooma waliin haasawaa deemanii Caaltuu fi Margeen kallattii mana isaanii waan gahaniif dhaabbachuun nuti asiin galla waan ta'eef siniif bilbilla jechuun nagaa ittiin jechuun irraa gorani. Biqilaa fi Jireenyaan riifaatuun guutamanii waan jiranuuf irraa goruu isaanii kana baay'ee gamadanii deemsa isaanii itti fufuun gara mana isaanii kan kireeffatanii galaniitti saffisuun qajeelani. Manni isaaniis ollaa hoospitaala magaalittii waan ta'eef osoo hin turres mana gahani.
Jarris erga mana gahaniis taa'uun maaltu jiraree fuudhanii waan hin qabneef laaqana hojjetachuutti ka'ani. Biqilaan osooma nyaata hojjetuu Caaltuun bilbilteefi. Innis jalaa kaasuun osoo sagalee hin dhageessisin dhaggeeffate. Caaltuunis heloo Biqoo jechuun isa waamte. Innis hee heloo Caaltuu jirtaa? akkami ati jechuun rifaatuun dubbise. Isheenis jira maal sagaleen kee akka nama sodaatee ykn rifateetti roqmahoo ittiin jette. Biqilaanis lakki hojii qabadheen jiraafidha malee sodaa ykn rifannaa miti ittiin jedhe. Isheenis akka barattoonni kirayii galan nyaata ofiif godhatan waan beektuuf booda siif bilbiluuree jettee gaafatte. Innis tole rakkoo hin qabu jechuun cufate. Biqilaan itti dubbachuu sodaate malee haalaaf amala ishee ajaa'ibsiifachuun jaallachuu barbaadeera. Maal godharee sodaatu keessa isaa guutehoo ammas dhalaatti haasawee waan hin beekneef itti dubbachuu saalfate. Innis erga laaqana hojjetee xumurees taa'eetu yoo isheen bilbilte maalan jedhaanii? maalan itti dubbadhaa jedhee of gaafata ture. Isumaadhaa galaana yaadaa daakaa jiru Caaltuun deebistee bilbilteefi.....
Itti fufa!
Comments