Waadaa ganame kutaa 2ffaa
kutaa 2ffaa
Adeemsa keessa Baacaan gaaffii gaa'ilaa isheef dhiyeesse isheen garuu ammaaf
qophii gaa'ilaa akka hin qabne itti himte. Innis yeroof gaddus fedha ishee daangessuu
waan hin barbaadneef in obse.
Baacaan ija laafessa ilmaati. Ol jedhee ija keessa nama hin ilaalu. Hojiin idilee isaa
Hoteela Seenaa fuuldura taa'ee kophee qulqulleessuudha. Achittis maamiltoota
hedduu horateera. Nama qoosaa jaallatuudha. Inni nama dhagaa haasofsiisudha ittiin
jedhu namoonni. Eenyuyyuu muka'aa isa bira dhufee, akka dhufetti hin deebi'u.
Maamiltoota isaa keessaa Kitilaan isa tokko dhiyeenya kana gara Magaalaa Mattuu
dhufe. Amalliif Hojiin Baacaa isa waan booji'eef kophee Baacaa bira malee hin
qulqulleeffatu. Kitikaan Gorsaaf Qoosaa Baacaa Xiinxalee gaafa Ilaalu Baacaan
Nama Dandeettii addaa qabu, kan haalli danqe ta'uu isaa adda baafate. Darbee darbees
Laaqana wajjin nyaatu. Hariiroon isaanii oolee bulee isa kaleessaa caalaa jabaachaa
adeeme. Icitiis wal hin dhoksan. Kitilaan Hoogganaa waajira Caaltuun keessa
hojjettuuti. Duraanis bifa ishee ilaalee Hojjettuu waaajjirichaa ishee taasise malee
dandeettii cimaa qabaatteef miti. Ammas ilaalchi inni isheef qabu bulee ka'ee itti
caalaa jira. Dhaabbi toleetttii intalaa, kan haasaan irraa bareedu, ta'uun ishee qalbii
kitilaa Daraan booji'e. Waan nama goodaa jiru hundumaa yeroo barbaadanitti kan
argatan waan namatti fakkaatuuf Kitilaanis gaaffii jaalalaa isheef dhiyeessuuf
murteesse. Ba'uuf galuu ishee hamma tokko erga qoratee booda An Hoogganaa ishee
waanin ta'eef nan diddu jedhee of amansiisee Gaaffii Jaalalaa dhiyeesseef. Isheenis
diduufis ni danqamte, tole jechuufis ni rakkatte. Kitilaan akka isheen yeroo gabaabaa
keessatti deebii kennuufi qabdu itti hime. yoo isheen isaa wajjin hariiroo jaalalaa
qabaatte faayidaa isheen argachuu dandeessu hundumaa isheetti hime. Caaltuun gara
itti gortu dhabde. Hariiroon isheef Hariiroon Baacaa Jalqabni isaa Faayidaa irratti kan
hundaa'e ta'us Adeemsa keessa Jaalala Baacaan isheef qabu erga hubattee booda
isheenis isa Jaallatteeti. Oolmaan ishee guyyaa guutuu Kitilaa wajjin waan ta'eef
deddeebi'ee ishee rakkisuu jalqabe Kitilaan. Caaltuunis Jecha tokko ittiin jettee of
irraa isa deebisuuf murteeffatte. Guyyaan isaa Facaasaadha ganama Akkuma waajjira
5
galteen Galmee To'annoof hordoffii yeroo irratti mallatteessitee gara kutaa ishee
seente. Hojii baayyee waan qabduuf Bilbila isheerraa Muuzikaa banattee of bira
keessaa Hojii ishee jalqabde. Kana gidduutti Kitilaaan Ergamtu waajjira isaa waamee
akka isheen Caaltuu Gara kutaa hoogganaatti waamtuuf erge. Caaltuunis dhuftee
akkuma Balbala kutaa Hoogganaarra geesseen Bilbila isheerratti bilbilame. Yemmuu
ilaaltu Baacaadha. Bilbila ishee kaastee "dhiifama waan ofii koo hojii qabeen jira
boodan siif bilbila" jettee bilbila cuftee kutaa hoogganaatti ol seente. Fuulli kitalaa
Cilee uffate keessoo isaatti eenyu abbaa isheetiin Waan ofii koo jetti? Moo ana
goyyomsuudhaaf mala kana malatte? Jedhee cicciniinnachuu eegale. Caaltuun
olseentee teessuma abbaa dhimmaaf qophaa'e irra teessee " na barbaddee turte mitii....?
Jetteen. Aariin isaa irraa beekama akka dheekkamsaatiin ati eenyuuf dursa kennita?
Buddeen keef moo bilbilaaf? Akkamitti isa waamamteef dhiistee bilbila haasofsiifta?
Ana tuffachuudha moo maal jechuudha jedhee dheekkame. Caaltuunis sagalee Ishee
isa sagalee Daa'imaa caalaa Garaa nama moogessu sanaan Dhiifama si tuffadhee miti
bilbilas ammoo baayyee hin haasofsiisne akkan hojii qabee jiru itti himeen cufe malee
jetteen. Kitilaanis Hojii sitti kenname Gabaasa isaa amman barbaada naaf dhiyeessi
jedheen. Isheenis hin xumurre waaree booda siifan kenna jetteen. Har'a darbuu hin
qabu jedheen Kitilaan. Caaltuunis gara kutaa isheetti deebitee hojii isheetti gadi jette.
Xiqqoo rifattee waan turteef isa Baacaan isheef bilbile ni dagatte. Sa'atiin hojiidhaa
ba'an ga'eera garuu Caaltuun hin baane. Qulqulleessituun waajjirichaa kutaa
hundumaa irra deemtee utuu cuftuu kutaa Caaltuu bira geesse Caaltuun of hin beektu
Hojiidhaan muddamtee jirti. "Caaltuu yeroon ga'eera maaf hin galtu"? Sagalee
Raggaatuuti Qulqulleessituu waajjirichaa. Akka rifachuu taatee Hojii kootu
baayyeedha waaree booda gabaasa naaf kenni waan jedheef Hoogganaan amma
xumuruun qaba jette Caaltuun. Raggaatuunis Maal Caaltuu koo Utuu laaqana hin
nyaatin as ooltamoo? Jetteen isheenis lakki sa'tii 7:00 tti ba'een asumaa nyaadha
jetteen. Caaltuunis Bilbila ishee fudhattee Baacaaf bilbilte. Baacaan bilbilli isaa akka
gadodeen yemmuu ilaalu Caaltuudha. Oo maal ajajamu Giifti jedheen. Isheenis ol
kottu Naannoo addabaabaayii xiqqaatti Laaqana wajjin nyaannaa jetteen. Baacaan
yemmuu isheen akkas jettuun Kitilaa wajjin Hoteela DARFANII Laaqana nyaachaa
6
jira. Kitilaa dhiifama gaafatee dhimma ariifachiisaaf akka barbaadamaa jiru itti himee
deeme. Daandii harka bitaa qabatee gara Caaltuutti miilla fuudhe. Caaltuunis Daandii
Gara Hospitaala Karl Mattuutti Geessu irra dhaabbattee Ija facaasaa jirti. Baacaanis
ishee fuulleetti argee daandii qaxxaamuruu jalqabe. Inni yaadaan adeemaa jira malee
of hin beeku. Akkuma inni daandii guddicha walakkaa ga'een Sagalee xurumbaa
konkokaataa gurra isaa irraa iyyu dhaga'e bar'isuuf yaadee koochoo dhabe, utaaluufis
yaadee mogolee dhabe, hundumtuu uu.... uuuu..... jedhee iyye.
Itti
Comments