Jaalala dhugaa
#ASOOSAMA_GABAABAa
#Kutaa_7ffaa....Bilisee faana haasa'u arge. Callisan turtii muraasaf erga ija isaa adii gaggaragalchee ilaalen booda dubbi tokko malee of-rra garagalee deeme. Biliseen hidhii ishee walitti cimmiddee,nyaara ija ishee wawwarraaksaatee mallattoodhan gosh baga waan jettuu fakkaatti. Olaanaa garuu haalli Atinaaf itti bitaacha'eera yoo kana Atinaaf hordofee kutaadhaa bahe,Atinaaf,Atinaaf jechuun faana bu'ee "garuu maaltu akkana si godha foon hin nyaanne saree irra hin dhoowwanii" jedheen Olaanan Atinaafin. Atinaafis waan akkas ta'eef sababa quubsaa hin qabu haalli inni ta'e kun isaafuu hin galle,garuu keessii isaa baay'ee jeeqameera. Gaaf sanaaf sadeen isaaniyyuu(Olaanaa,Atinaaf fi Bilisee) miira addaa keessummeessaa oolan. Olaanaan Atinaaf walitti dhufeenyi isaa fi Bilisee qofti akka bo'uu itti ta'aa jiru ni beeka,garuu mammaaksa "kan ija dhiibee senetu garaa guutee baha" jedhun onnee argachaati ijji hammeenyaa Atinaaf osoo isa hin dhoowwin hoteela warra Atinaafittii araada jaalallee isaa Bilisee bahuuf deddeebii isaa itti fufe.
Itti gaaf akka tasaa Atinaaf osoo isaan waliin jiranuu itti dhufe isa aarsudhaaf jaalala isaanii caalatti miira addaa keessa seenanii waliif ibsu. Yoo kana Atinaaf sababa dhabe malee osoo isaan lameeniyyuu osoo hudhee itti tola. Olaanaa fi Biliseen Atinaaf inaafsifna jedhan malee jaalallii onnee isaan lameenituu qotee seenee itti hammaateera, Olaanan baruumsa akkan jaalatuu fi cimina isaatin dorgomaa kan hin qabne irraanfateetinwaa'een isaa hundi Biliseedhuma ta'eera.
Biliseenis hojii duraan irratti cimtuu turte amma ammoo haalan dalaguuf gargaarsa
barbaaddeetti,Bilisee san fidi,kunoo achi jedhamtu malee,ofiin waan dhiyeessuu qabduu fi iddoo fuutee dhiyeessituu wallaaltee jirti. Amajjii 9,1999 ayyaana cuuphaa sababeeffachuun gugsiin fardaa toora Olaanaa fa'atti beekamutu ture. Waggaattii altokkoo waan ta'eef hawwii guddaadhan eegama. Sirnicharratis Olaanaa fi Biliseen hawwii guddaadhan eegachaa waan turaniif gaaficha haala addaatin yeroo walhammatanii,takkaa waldhungachaa takkaa ammoo walcunqursaa cimdiwwan sirnicha hoo'isan keessa tokko ta'aniiru, utuu xiyyeefatanii isaanuma daawwatanii aktaroota laman hindootaa fafakkaatu. Sirnicha erga xumuraniin booda hoteela Biliseen keessa hojjattu,hoteelawarra Atinaafitti waarisiisuu barbadanii waarisiisanis. Akkuma olseenaniinis Olaanan biiraa Waaliyaa,Biliseen ammoo lallaafaa fudhattee. Erga baay'ee taphataniin booda hiriyaan mana baruumsaa Olaanaa itti dhufee waan baay'ee waliin taphachaa waliin waarisiisan.
Hiriyaan Olaanaa Iyyoob durumayyuu dhugaatii waan fuffudhatuuf miirri addaa itti hin dhagahamne,Olaanan garuu bay'ee machaa'ee kudhan Iyyoobin dhungata. Biliseen jaalallee kootii miti haadha warraa kooti malee jedhee si'a lamaa fi sadi ol Iyyoobitti himeera. Biliseen har'a Olaanaa akka obboleessa wagga heedduu waliin jiraataniitti kunuunsaa jirti. Dhugaatiin Olaadhaaf hin taane gad deddeebisiisuu jalqabeera yeroo kana hunda garuu Biliseen akka hadhaa ta'aafii jirti. Halkan keessaa sa'aatii 6:00 ta'eera sadeen isaanii keessaa fooyyee qabdi. "Olii borii mataa si bowwaafata ka'ii gali sa'aatin deemeeraa"jetteenii ka'anii hoteelichaa bahan. Mannii Bilisees hoteelichatti dhihoo ture. "Oliikoo baay'ee dadhabdeerta har'a manuma koo yoo bultehoo"jetteen Biliseen. Olaananis quba isaa afrattii sossaasaa "lakkii abbeenkoo eessa bulte jechuun natti dheekkama, kanaaf galuu naaf wayya Biluukoo"jedhen. Iyyoobiniis "abbeen isa baay'ee nama serious wayiidha. Yoo ta'uu baatellee manaan geenyee anillee hagas mara sodaa maatii hin qabu, deebinee dhufnee walin bulla jedheenii.....ITTI FUFA.
#Kutaa_8ffaa.
...deebinee dhufnee waliin bulla jedheenii Olaanaa erga manaan gahanii booda Iyyoobif Biliseen gara mana Biliseetti kutan. Sa'atin isaa halkan keessaa gara 3:00tti tilmaamama,ta'uus namoonni dhimma garagaraaf magaalicha keessa waarisiisan ni mumul'atu. Biliseen gar malee Iyyoobin sodaachaa jirti,nama kanaan dura wan isaa tokkoyyuu hin beekne faana sa'aati kanaan karaarratti argamuun sodaa guddaa ishee weerarsiise. Hanga mana geeysutti si'a sadii ol Iyyoobirratti bilbilterti:takkaa-nagaan galtee Oliikoo jettiin,takkaa ammoo Oliikoo sodaadheraa maalii jettiin.Gaafa lafa ibsan hin jirre geeysu akka nama abjuu sodaachisaa keeysaa kaatetti barrarti,Iyyoob yeroo faana ishee fiigu waanuma wal hari'aa jiran fakkaatu. Itoo akkas jedhanii mana Bilisee gahan.
Iyyoob baay'ee gaddee keessa isaatti "intalti warasbessuma bosonaa na goote moo?" jedhe,fuula isaatirraa wanti dubbifamu nama garaan roora'e fakkaata. "afachu an kan jedhu isin dhiira akka namaatti kan ilaaltan hanga dukkanaa'utti qofaa,moo kanaan dura gadhummaa koo maal dhageesse,halkan waraabessatti jijjiirama siin jedhanii,dhiirti kan jedhamu martinuu waan miirri isaanii sammuu isaanii aalee isan bitu sitti fakkaataa?, akkamun obboleettin koo akka hin gufanne hin barbaanne,obboleetti nama biraas akka gufattu hin barbaadu ati intala maatin keeti fi hawaasni kee imaanaa guddaa sirra kaa'anii jiraniidha kanaaf si miidhun namoota kana mara miidhu ta'a. Kana gochuuf ammoo ani baandaa miti,ija kanaan otoon akkuman dura yaade si faanan bula ta'ee hirriiba malee bulta jechuudha,jedhi nagaan buli aluma kanarreen dhaabe bulaa"jedheeni erga akka aarii fi akka marartee fakkeessee waan baay'ee itti haasa'een booda ofirra garagalee kutuuf jedhe. Biliseenis gocha gootetti qaanofteerti,Iyyoob balaa isheetin osoo waarra bu'ees seeran gaafatamuu baattullee sammuun ishee bara guutuu akka ishee komatu yaadun Iyyoobitti kaattee "an akkas yaaduu kooti mitii magaalli kun galgaloofnan sirrii
miti,dhiirri akka keeti yaadu jiraatus akkuma atuu jettee akkuma waraabessaa galgala eeggatee kan waraabessa namatti caalus guuteera" jetteenii sodaan ishee akka isa hin taane sobde. Erga galanii kutaa Bilisee keeysa gahaniin booda Biliseen "Iyyobee buna yoon dhaabehoo"jetteen."lakkii hin barbaachisuu" jedheenii fayyuma taa'anii haasa'uutti ka'an.
Namni kamuu seenaa bareedas yaraas yaa ta'uu seenaa mataa isaa fi mudannoo isaa hin dhabu, dureessas yaa ta'u hiyyeessi, roorrisaas ta'ee inni roorrifamu seenaa mataa isaati qaba. Bilisee fi Iyyobis erga seenaa isaani hanga tokkoo waliif qoodanii booda jaalallii obbolummaa onnee jara lameeniyyuu seene."wayyoo Biloo tarii otoon dogongoree nama akkattii seenan isaa nama mararu miidhe ta'eetii hin jiraadhu ture"jedhee imimmaan isaa dhangalaase. "homaa nan gooneem atimmoo nama gaaridha,cufaa anatuu si mufachiise,akkuman si mufachiisen osoo galte ta'eetii garuu gaabbi keessa kootii hin baanenan haleelama ture"jetteenii gara Iyyoobitti siqxee imimmaan irraa haxaawuu jalqabde. Osoodhuma taa'anii takkaa qoosaa,takkaa kolfaa jiranuu Biliseen dadhabdee morma ishee Iyyoobirra conqolaaftee sodaa tokko malee rafte. Iyyoobitti lapheen isaa dibbeedhuma itti ta'eera,utaalee na keeysaa bu'inaa sodaataa jira amma. Fuula ishee guyyaa ija hatee sossodaachaa ilaalu sana amma daangaa malee ilaalaa jira. Hidhiin ishee osoo xuqee waan irraa citee lafa bu'uu itti fakkaata,boquu ishees osoo dhungatee waan dhiigee bariisaa Biliseedhaa
wabi dhaabatuuf itti fakkaata."maal kana kaa Olaanadhaa DV tu bayeefii"jechaa carraa olaanaa eebbisuutti ka'e. Baay'ee gammadaa xure osoo haalli akkanaa guyyaarraa ta'eefii hawwii isat ture.Osoo haala kanaan jirani bariin lafaa ga'ee bariite. Biliseen jalqabaaf yoo hirriibarraa kaatutti baay'ee naatee rifaatuu Iyyoobin darbattee utaalte,yoo deebitee isa galgalaa yaadattu garuu, "Ooh dhiifama Iyyobee sammuu haaradhaan gatiin dammaqeef jetteenii, akkuma teessetti bultemoo ati maalif hin rafne "jetteenii akka seequu taatee ka'i amma nutti barfateeraa jetteenii itti jettee boquu isaa dhungoon haleelte. Iyyoob baay'ee keessi isaa wal-lolaa jira "ani Olaanaa caalefiin jira jechuudhaa moo
obbolummaa ta'uu isaati wanti kun maalumaafuu an takkaa durfameera yaada fedhe haa yaaddu,wanti kamuu isheerraa hanga dhufutti hunduu keeysa koo yaa taa'u" jechaa abdiin taane
onnee isaarra kaa'e.Ganama keessaa sa'aatii 2:30tti tilmaamama. Iyyoobi fi Biliseen akkuma jaalalleewwanii lamaanin bareedanii mana Biliseetii gad yaa'an.
Hanga hoteela Biliseen hojjattu gahanitti walfaana,deemaa turan. Tasa isaanuu walgaggeessuf walitti maramanii waldhungatanii Olaanan gara hoteela warra Atinaaf Bilisee nagaa gaafachuuf fiigu tasa ijji isaa isaanirra bu'e. Waan galgala ta'es irraanfateera, waan arge amana hin jiru,yoo hoteelicha seenus dhuguma inni arge Bilisee turte saffisaan ofirra deebi'uun taaksii isaa seenee mana baruumsatti kute. Akkuma jalqaba gaafa ishee arguu sana keessi isaa miira addaa keessummeessee oole garuu faallaa gaafa duraa. Guyyaa waareen booda toora sa'aatii sagalii Biliseen sagal karra hoteelichaatti baatee Olaanaa ilaalaa jirti,haala isaa gaafachuuf hiriyaa gaaris akka qabu itti himuudhaf. Garuu Olaanan konkolaatadhaan darbee gale. Borumtis konkolaataa qa'eedhuma yaabachuun darbe. Bilisee yaadni galeera,tarii abba isaatu akka inni as deddeebi'aa jiru baree hordofaa eaan jiruuf as hanqatee jettees yaadde. Gaafa guyyaa sadaffaa Biliseen obsa dhabuun ganda warra Olaanaa dhaquun karra warra Olaanaa dura dhaabattee karra alaa warra Olaanaa rurrukuttee....ITTI FUFA.
#Kutaa_9ffaa.
...karra alaa warra Olaanaa rurrukuttee gaafa Olaanumti mataansaa itti gad bahu baay'ee naate.Ija isaa osoo ilaaltee hin quufin karra gad deebisee itti cufatee mana gale. Isheen garuu iddoo dhaabattee hin warraaqne, iddoodhuma jirtutti ofirra gad teesse imimmaan lakkuu lolaafte,"onnee koo qulqulluu kan eenyumtuu banee hin beekne baneefin akkasitti of tuffachiisaa"jettee heedduu sheenofte. Turtii muraasan boodas gara mana isheetti deebite, garuu of wajjin hin jirtu.
Olaananis garmalee jeeqame,gaafa san sadeen isaanii waliin turuu isaanii yaa yaadatuu malee,haalli ittin Iyyoob Bilisee faana bule isaaf ifa miti.Lameen isaaniyyuu garaa waldhokfachuudhan kopha kophaa isaanii yaadan waxalamaa jiru. Iyyoobis obbolummaan Biliseen garmalee itti agarsiifte itti bitaacha'eera sammuun isaa yaadaf saaxilameera. Garuu Olaanaan hiriyaa inni haalan jaalatu gatii ta'eef shira akkanaa irratti hojjachuu hin barbaanne yoo Biliseen akka inni yaada jiru kana taateyyuu akka ishee amansiisee Olaanaa qofaaf akka taatu of amansiiseera. Erga Bilisee faana bulee Iyyoob guyyaa afraffaatti Olaanadhaan walarge. "Olii keenya dhugaa siin booneera,na boonsiteerta,intala akkanaa dhuunfachuun kee goota si jechisiisa "jedheenii nagas gaafatee Olaanatti marame. Olaanan garuu ijaan ilaaluu malee Iyyoob faana haasa'aa hin jiru,"Olii maal rakkooti jira cal na jalaa jetteem"jedhee gaafate. Olaananis "silaattuu biyya kanatti maqaa gootaa caalaa maqaa hattuutu leellifama, wallaalaa harka beekatiin bofa qabetuu leelifama,kunoo anis itti dadhabee siif dabarse mitii,ati gamna nyaatteetuu ana gowwiyyoo afaan dibuu barbaadda mitii" jedheenii biraa kute.
"Olaanaa dhugaan san miti,dhugaa narraa
fudhadhu,Biliseen baay'ee si jaallatti siif qofa jaalallee taatus dhirota akka kiyyaatif ammoo obbolettii qulqulluudha,mamii fafee kanaan akka mucayyo akkan si jaalattu dhabdee booda hin sheenofne "jedheenii akka akeekkachiisatti dhaameef. Yoona Olaanas waatu sammuu isaatti dhagahame dogongorri dogongora isa ta'innas shakke. "tole waan ati jechaa jirtu dhugaadha yaa jedhu,bira bultee hammattee yoo deemtuhoo obbolummadhuma jedhee fudhadhu?" jedheen."si dhiba galgala sana Billiseen akka waraabessaatti na dheessa turte hanga mana ishee geessutti,anaas baay'ee natti dhagahamee ture situ akka akkanaan na dheessitu gorse jedheenis sittiyyuu qabameen ture,edaa isheen jiila qabdi,hunduma waa'ee ishee na taphachiifteerti obbolummaadhanis onnee koo bitte"jedheenii Iyyoob Olaanatti mataa raasee,"garuu otoo si ta'ee imaanaa koo ni nyaattaa jechuudha,'haati hattuun ilmoo hin amantu' jedhama mitiiree homaa miti "jedheenii ammas mataa isaa itti raasee Olaanaanaa boquu buusise. "lakki ani sin amana ture garuu machoofteerta gatii ta'eef yoo dogongorte jedheen mame malee,ta'us ammoo si caalaa Bilookoo mufachiiseera dhiifamayyuu waan naaf gootu miti"jedhee gaabbidhaan dabbasaa mataa of cire. Akka Biliseen hanga qe'ee isaanitti dhaqxee inni garuu heyyemama hin turrees itti hime.
Erga baay'ee haasa'anii yaadan walii galanii booda yeroo mana baruumsatii deebi'an akka hoteela warra Atinaafitti goranii Bilisee nagaa gaafatan walii galan. Guyyaa keeysaa sa'aa sagal ta'eera. Olaanan tibba kana taaksii hanga qe'ee yaabachaa ture har'a garuu akka yeroo jaalatu sanaa Iyyobin faana hoteela warra Atinaaf fuulduratti irraa bu'e. Ol seenan kutaa Biliseen hojjattus dhaqan garuu Biliseen hin jirtu,hiriyoota ishees yoo gaafatan "amma kana sa'aan booda
baate,haalan hin taane keessas akka jirtu natti himteerti,hojiis dhaabdee akka ganda isheetti deebitus natti himteerti,maal goona heedduu kadhannus nu hubachuu hin dandeenyee,egaatii hoteelichi cufamuu isaati harki caalan namaa dhugaatif osoo hin taane akka godhambaatti isheedhuma daawwachuu dhufa"jettee dhaabatichi sodaa guddaa keessa akka jiru itti himte.
Olaanan faanti gara mana Biliseetti kutan,qe'ee ishees gahan. Yoo balbala bananii itti ol seenan Biliseen daraan of gatteerti, itoo mana ishee ta'uu baatee itoo homaan mamin Bilisee miti jedhanii deebi'u ture. "anatu kana hundaan si ga'e waan ofii too"jedhee Olaanan immimmaan jaalalaa ni cobse osoo hin taane roobsee iddoo Biliseen teessutti jilbiiffatee itti marame.Biliseen Olaanaa of irraa darbitee,"an isheen kaleessa balbala natti cufte sanidhaam,hiyyeetuma yeroo barbaadde gammachuu keetif jecha hammattee dhungattee gaafa sitti tole ammoo hanga qe'eettiyyuu dhuftee yoo si kadhattu hasmilee cabsitu sanidhaam,an isheedhuma sana hiyyeettii onneeshee lamuu akka namatti hin dhiyaanne dhagaa gootee,ishee kaayyoo ishee malee hambiftee seenaan koo dura sitti hime sanatti na deebisuuf deemtudhaam, har'ahoo maaltu argame, DVtu baheef siin jedhanii,moo kana caalaa na miidhuu hedda" jetteenii akka isaan dallaa sana dhiisanii bahaniif itti caraante. "Biloo teenya diis kaa dubbin akkas mitii bar,Olaananis gatii si jaalatuufidha ammana sirraa fagaachun isaa,waan boruuf si abdataa turee garuu waan hin fakkaane shakkee akkanaan sitti jabaatedha,bari mee osoo sin jaalatu ta'eetii si dheessun hin barbaachisu sobee si sossobeeti fedhi isaa qofa guuttater badheetti si gata ture,garuu si miidhuu hin barbaannee"jedheenii akkuma dura Olaanadhan lole Biliseedhanis loluu eegale.
"amma asumatti na eegaa" jedheenii wayinii Awaash lama bitee gara mana Biliseetti deebi'e.Akka jalqaba gaafa wal arganii yaa ta'uu baatuyyu malee Olasna fi Biliseen haraaramanii waliin kolfa jiru. Osoo haala kanaan jiranuu galgaloofte.Olaanan"Iyyoob Bilisee bira bulikaa an abbeen na loluu danda'a niin gala"jedheen. Iyyoobis osoo hin beekin Olaanatti akka malee caraane "siyi garuu si dhukkubaayii, hanga yoomitti abbee abbee jetta,isaan yoo ta'e sababa uumnetuu sobna ati buli ani nan galaa" jedhen. "Olii koo nan jaalatuuyi,lammata na dhabuu barbaaddaa, Iyyob akka as bulu anu hin heyyamu har'a"jettee utaaltee Olasnatti maramte. Iyyobis "anuu hin bulu,jedhaa nagaan bulas jedhee balbala saaqee sokke. Olaanafii Biliseen akka walitti marmanitti hafan lameen isaanittiyyuu baay'ee hoo'aa jira……..ITTI FUFA.
Comments